Discover
SBS Afaan Oromoo
212 Episodes
Reverse
Learn useful English for talking about small wins at work. Practise phrases for celebrating achievements, staying motivated, and making progress step by step. - Waa'ee milkaa'ina bakka hojii xiqqoo iyyuu taatu kabajachuu irraa dubbachuun afaan Inglishii bu'a qabeessa barattu. Jechoota kanneen kabajachuu(celebrating), milkaa'ina (achievements,) jajjabina qabaachuu ( staying motivated), fi sadarkaa sadarkaan guddina agarsiisuu (progress step by step) jedhan kanneen shaakalaa.
In Australia, government-subsidised rental housing is available for eligible households. Assessment is based on need under criteria that vary depending on your state or territory. Here’s what to expect when applying for different types of housing assistance, some common myths around social housing and where to reach out for help. - Australia keessatti, manneen kiraa mootummaan deeggaramu maatii ulaagaa guutaniif ni argama. Madaalliin ulaagaalee naannoo ykn naannoo keessan irratti hundaa’uun garaagarummaa qaban jalatti fedhii irratti hundaa’a. Gargaarsa mana jireenyaa gosa adda addaa yeroo iyyattan maaltu eeggachuu akka qabdan, rakkoolee beekamoo naannoo mana jireenyaa hawaasummaa tokko tokkoo fi eessatti gargaarsa argachuu akka dandeessan kunoo ti.
If you’ve spent any time in Australia, you’ve probably noticed how relaxed the style is. You might notice activewear, surf brands and casual clothes everywhere. But there’s another side to Australian fashion. Aboriginal and Torres Strait Islander designers have been creating clothes and accessories for thousands of years — and that work is very much alive today. You’ll see it on runways, in global fashion campaigns and in everyday clothing. Find out what makes First Nations fashion different, how it connects to the environment and what you should be aware of if you want to wear it. - Australia keessa hagamiifuu jiraatte yoo tahe, akkaataan jireenyaa hagama bohaarsaa akka tahe hubattee taha. Bakkuma hundatti uffatni lagoo fi maqaa kampaanota beekamoo qaban, akkasumas kan guyya Guyyaa namni uffatus agartee taha. Garuu faashina Australia gama biraatu jira, kan namootni hedduu ,yeroo jalqabaa dhufan waa’ee isaa hin dhageenye. Akkaataan hojii uffataa fi faayaa adda addaa, kan Aboriginal fi Torres Strait Islander, waggoota kumaatamaaf hojjetanii ittis fayyadamaa turan- haga har’aa hojiin sun lubbuun jira. Dhaadessii faashinaa addunyaa irrattii fi, bakkewwan uffata adda addaa irratti kan agartu dha. Maaltu faashina Saboota Jalqabaa adda taasisa, naannoo waliin hariiroo akkam qaba, yoo illee uffachuu kan barbaaddu tahe dursa waan beekuu qabdutu jira.
Learn useful English for talking about school tests, studying, exam pressure, and when you do really well. - Afaan Inglishii isin fayyadu waliin dubbachuun waa'ee qormaata mana barumsaa haasawaa, keessattuu waa'ee qophii qormaataa, qormaatatti hagam jabaa akka taatan kkf waliin dubbachuun caalaatti afaan akka fooyyeffattan isin gargaara.
Keessummaan keenya har’aa adde Silva Nazaretian Dirkteera Enliven -dhaabbata tajaajilli hundumaaf jedhu ti. Silva Wagga 15 oliif nama ogummaa dietian(dhimma nyaata nagoomaa) ilaallatu irra hojjette, qorannoo adda aaddaa irrattis hirmaatte, ummattoota duubbee aada danuu irraa tahan waliin hojjechuutti muuxannoo dheeraa qabdi. Namoota beekumsaan hidhachiisuu irratti jabeessitee nama hojjettu. Namni waa tokko dhagahee, baratee, hubatee murtii ofii akka fudhatu waa’ee fayyaa irratti ni barsiifti, ni qajeelchiti, fayyaa ummataa yeroo jedhamu fedhii ishee guutuun irratti hojjetti.
Like in most countries, public transport in Australia is the cheapest way to get around. It includes trams, buses, trains and ferry services. And each state or territory has its own transport network. However, navigating Australia’s public transport system with ease requires knowing the basics around how it works and what to expect. - Akkuma biyyoota baayyee, geejibni ummataa Australia kan gatii salphaan bakka kahaniif itti gahan. Kanneen akka traamaa, busa, train, fi tajaajila biduruu dabalatee jechuu dha. Kutaan biyyaa fi naannoo mata mataatti sirna geejjibaa ofii qabu.Haa tahu malee, Akkaataa sirnii geejjiba ummataa Australia itti hojjetu baruuf wanneen bu'uura tahan beekuun akka inni itti hojjetuu fi maaltu akka eegamu beekuu gaafata.
Sanbata duraa dabre qophii odeeffatnoo hawaasaa qopheessaa jiran irratti laallee argatneen qopheessitoota qophichaa kan tahan keessummoota lama dubbisuun keenya ni yaadatama. Isaanis Obbo A/Salaam Alii fi Obbo Tafaayee Dafaa turan. Barbaachisummaa qophii kanaaf akkamitti akka deemuuf jedhu fi kkf bal'inaan ture kan ibsan. Har'a Obbo Naasir Kaliili itti baha qophii kanaa gaafatne ibsan.
Australia’s hot, dry climate and unique landscapes make it one of the most bushfire-prone countries in the world. As climate change drives higher temperatures and drier conditions, we can expect more frequent and more intense bushfires in the future. But once the fire is out, how do you return home safely, find support, and look after yourself? - Australia qilleensa ho’aa, gogaa fi teessuma lafaa adda tahe qabaachuun biyyoota addunyaa keessaa kanneen heddumminaan abidda bosonaa qabaatan keessaa tokko ishee taasisa. Akkuma jijjiiramni qilleensaa ho’a qilleensaa gogaa tahee fi haala qilleensaa gubaa tahe argamsiisaa deemuun gara fuulduraaf abidda bosonaa yeroo hedduu qabaachuun kan nuti eegnu taha. Garuu erga abiddi dhaameen booda akkamiin nagaan gara qe’ee keetti deebita, gargaarsa akkamiin barbaaddatta, akkamiin of kees gargaarta?
Konferensii Odeeffantoo hawaasaa qopheessaa jirra kan jedhan qopheessitoota qophii kanaa namoota Lama dubbifne. Isaanis obbo Tasfaayee Dafaa fi Obbo A/Salaam Ali ti. Sanbatta duraa fuula keenya dura jiru, odeeffannoo hawaasa keenyaaf kan kennan qaamota tajaajila mootummaa tahan kanneen akka Service Victoria(dhimma Centrlink) waliin wal qabate akkasumas tajaajila adda addaa irraa kanneen argaman afeeramuu obbo Tasfaayee fi obbo A/Salaam aaf-gaaffii taasifneef keessatti ibsaniiru.
Connecting with Indigenous Australia can be daunting for a newcomer to the country. So, where do you start? We asked Yawuru woman Shannan Dodson, CEO of the Healing Foundation, about simple ways to engage with First Nations issues and people within your local community. - Abbootii Dachee Australia waliin hariiroo uummachuun namoota biyya kana haaraa dhufaniif rakkisaa tahuu ni mala. Kanaafuu eessa irraa jalqabu? Itti mataa (CEO) Bu’ureessituu Waliif Fayyinaa (Healing Foundation) Shannan Dodson, dubartii Yawuru karaa salphaadhaan, Saboota Jalqabaa naannoo isaanii jiraatan waliin hariiroo ummatan ibsiti.
Learn how to describe cooking at a barbecue. - Bakka BBQ yeroo deemtan akkaataa nyaata itti bilcheeffattan irraa dubbadhaa. Waliin dubbatnaan bakka akkasii afaan fooyyeffachuuf nama gargaara.
January 26 is one of the most debated dates in Australia’s history. Often described as the nation’s birthday, the day marks neither the formal founding of the colony nor the creation of the Commonwealth. Instead, it reflects a layered history shaped by colonisation, political decisions, and ongoing First Nations resistance. Understanding what actually happened on January 26 reveals why the date is experienced so differently across the country. - Amajjii 26 seenaa Australia keessatti guyyoota falmisiisaa ta’an keessaa isa tokko. Yeroo hedduu guyyaa dhalootaa sabaa jedhamee kan ibsamu guyyaan kun hundeeffamuu sirna koloniis ta’e uumamuu Commonwealth kan agarsiisu miti. iddoo isaa garuu, tartiiba seenaa koloneeffannaadhaan, murtii siyaasaa fi diddaa Saboota Duraa itti fufee jiruun bocamuu calaqqisiisa. Waan qabatamaan Amajjii 26 ta'e hubachuun guyyaan kun maaliif guutuu biyyattiitti keessatti haalli addaa akka callaqqisu mul'sa.
Oromo week , Kubbaa miilaa, uttaalchoo, fi taphoota adda addaa kan of keessatti qabu ture jedhu Amaan Badhaasoo fi Jamaal Muusaa. Tapha fi qophii guyyaa shaniif turee irratti gargaarsii fi deggersi hawaasa keenyaa keessattuu harmooliin dadhabbii tokkoon malee nu bira dhaabbatan, galata qabu jedhu Jamaal fi Amaan.
Australia is known as the allergy capital of the world. Our diverse population also means that we express our religious beliefs, ethics, health and personal choices through the food we eat. We called on some experts to help us navigate all the labelling, certifications and resources that can inform our food choices. - Austraaliyaan biyyatti gudditti Adduynaa irratti alarjiin beekamtu dha. Haguma ummanni biyyattii duubbee aadaa danuu irraa tahe namooti amantaa, naamusa jireenyaa, fedha fayyaa isaanii fi filatnoo dhuunfaa karaa nyaata isaanii mul’isu. Namootni waan nyaata irratti barreeffame ykn maxxanfame dubbisanii akka hubataniif ogeessitootni qajeelchaa qaban akka qoodan taasisneerra.
Learn practical English phrases for getting organised and managing daily tasks, including planning ahead, meeting deadlines, and staying on top of responsibilities. - Dursanii karoorfachuu, yerootti hojii raawwachuuu fi mata duree itti gaafatamummaa marihachuu irratti of qabuu kkf dabaltee hojii hedduu guyya guyyaa qophaa'ummaa barbaadu kan ibsan jechoota qabatamoo afaan Inglishii baradhaa.
Thinking of going fishing in Australia? Make sure you are familiar with local regulations, including licensing systems, closed seasons, size limits, permitted gear, and protected species. - Australia keessatti yaada qurxummii qabachuu deemuu qabduu? Ehama argachuu fi yeroo naannichi itti cufamu, guddina qurxummii qabamuu, meeshaa ehamamu fi kununsa qurxummii dabalatee seera naannoo beekuu keessan mirkaneeffadhaa.
Practise speaking the dialogue from episode #101 Having a laugh (Med) - Qophii dabretti dabala #101 dhaggeeffadhaa, waliin dubbatnaa shaakaltuu. Waliin dubbannaa kana caqasuu keessatti hedduu afaan fooyyeffattu. Qophiin kun caalaatti kan kaayyeffate namootni haasawa namoota gara garaa gidduu deemuu kana dhaggeeffachuun jechoota haaraa, akkaataa itti waa dubbatanii fi gaafatan irraa baratu.
Summer in Australia can be very hot, and as our climate continues to warm, heatwaves are expected to become more frequent and more intense. In this episode of Australia Explained, we cover what a heatwave is, why they pose such a significant risk to human health, who is at most risk, and how to best prepare to cope with a heatwave. - Bonni Australiaa keessatti hedduu ho’aa ta’uu kan danda’u yoo ta’u, qilleensi keenya ho’uu itti fufee waan jiruuf, laboobi ho'aa baayyee fi cimaa ta’a jedhamee eegama. Qophii Australia ibsuu jedhu kana keessatti, laboobi ho’aa maal akka ta’e, maaliif fayyaa namaa irratti balaa guddaa akka geessisan, eenyutu balaa guddaa kanaaf saaxilamuu akka malu, akkasumas akkamitti akka gaariitti labooba ho’aa kana irraa dandamachuuf qophaa’uu akka danda’amu ilaalla.
Learn how to talk about things that make you laugh. Practise phrases that help you share stories, react to jokes, and enjoy conversations more. - Wanneen nama kofalchiisan irraa dubbachuun kofluu fi bhaaruu. Jechoota qophii kana keessatti dhageessan shaakaluun seenaa ofii ykn qoosaa walii qooduun waliin dubbannaa gaarii qabaadhaa. Waliin haasawa akkasii keessa afaan inglishiis fooyyeffachuuf gargaara.
You’ve received an invitation that reads “Dress code: Cocktail attire”. What is this ‘code’? And more importantly, what will you wear? In this episode, we demystify the most common dress codes so that you can feel comfortable at any event. - Waamicha waamamtanii dress code ykn gosti uffatnaa: Coktail attire”jedha. Kodiin ykn gosti kun maal? Irra caalaatti iyyuu ammo maal uffachuu qabdan? Uffatnaan aadaa keenya akka jirutti tahee, mee seera uffannaa hedduu beekamoo tahan ibsuu yaalla, qophicha irratti of qopheessitanii akka deemtaniif.





