Keessummaa keenya qophii kanaa Leellisaa Baraa (Lelisa Bera) yeroo ta’u dhiheenya kana Yunivarsiitii UC Berkeley irraa Barumsa Psychology (Xiinsammuu) dhaan eebbifameera. Muxannoo isaa barnoota biyya ambaa fi waa'ee qo'annaa xiinsammuu isa gaafanneerra. https://news.berkeley.edu/2019/05/21/graduating-senior-lelisa-bera/ Credit: The introduction was taken from ABC7 News
Qophiin kun haasaa Obbo Jootee Waaqjiraa Koorsaa waliin goone kutaa 2ffaa fi isa xumuraati. Obbo Jooteen hundeessaa dhaabbata 'Equinox Outsourcing Services' yeroo ta’u dhaabbatuma kanatti hogganaa Damee Afriikaa Bahaa dha. Baakki hojiif jireenya isaa Keeniyaa Nairobiidha. Haasaa Daldalaan wal barra jedhuun eegalle itti fufna.
Kutaa kana keessatti Obbo Jootee Waaqjiraa Koorsaa dubbisne. Obbo Jooteen waliin hundeessaa Dhaabbata Equinox Outsourced Services jedhaamuu fi Dayrekteera Kutaa Baha Afriikaati. Haasaa obbo Jootee waliin goone keessatti kan xiyyeeffanne daldala irratti. Muurtee dhaabbata ofii dhaabuu dudduuba maaltu jira gaaffii jedhuuf deebii soqneerra. Yaadota tibbanaa biroos kaasnee mari'anneerra.
Barbaachisummaa beekumsa dinagdee, dinagdee fi uummata Oromoo akkasumas waligaltee gabaa bilisa Afriikaa dhiheenyatti mallatteeffame irraa Itophiyaa fi uummatni Oromoo akkamitti fayyadamu danda'u dhimmoota jedhan irratti Hayyuu Ikonomiksii Dr. Addunyaa Biraanuu Olaanii waliin Baargamni haasaa godhee ture.
Baargamni poodkaastii Afaan Oromoo dhimmoota Dinagdee, Teknooloojii, Hawaasa, Qabeenya Umamaa fi dhimmoota kkf irratti hayyoota Oromoo baargama jiran waliin haasaan bakka itti godhamu fi dhaggeeffatoota Afaan Oromoo addunyaa mara irra jiraniif karaa toora interneetii sagantaa qaqqabu.
almaz ebba
Dargarggoota keenyaaf fakkenya gaarii dha. Namni jabaate hojjennan baka yaadu ni gaha.
Melese Nigussie
Sagantaa bayeessa!jabaadha akka duubatti hin jenne!!!
almaz ebba
Marii bareedaa dha! Jabaadhaa!
almaz ebba
Jabaadhu. Yaada gaarii dha. Bara hojii gaarii siif haa ta'u! Milkaa'ii!