Discover
ILMAORMAA

ILMAORMAA
Author: Ilmaormaa
Subscribed: 66Played: 4,853Subscribe
Share
© Ilmaormaa
Description
Hangafa pōdkāstī Afān Oromo !
Ashamaa!!
Waltajjii dhuunfaafi Bilisatti Baga Nagaan Dhuftan!
As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina.
Dhihaadhaa!!
Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
Ashamaa!!
Waltajjii dhuunfaafi Bilisatti Baga Nagaan Dhuftan!
As-gubbaat Seenaa, Aadaa, "Sustainable Development" , Teknoolojii, Siyaasaafi Barruulee adda-addaa dubbisneerraa; keessummaa affeerre woliin kabajaafi walabummaan yaada jijjiirranne baabsaa tokko malee raabsina.
Dhihaadhaa!!
Teessoon: Telegram( t.me/podcast_ilmaormaa)
254 Episodes
Reverse
Injinaar Qorichoo, Hayyu Duree HTOn, taateewwaan yaroo ammaan tana X0obiyaafi naannoo Gaanfa Afriikaa keessatti mumull'atan irratti yaadaafi yaaddoo qabu balli'inaan nuun qooddata.Dhihaadhaa!
Qophii kana keessatti waan murni tokko "kufaatii Abiyyiin booda" Irratti marihachuuf kora walwaame tureefi ibsa korri sun dabarserratti fi haala amma jirurratti yaada dhuunfaa gabaadu.Dhihaadhaa!
Waggoota torban dabran keessatti xurree heddurraa himannaan ተረኞች, ባለጊዜ, የኦሮሙማ መንግሥት, Oromoon masaraa seenee jiraa fi ka jiru mootummaa Oromooti jadhamee ballinaan hoggu himamu dhagahaa hardha geenye.Bara 2025 "mootummaa harkaa qaban" yookaan "mootummaa harkaa qabna" jachuun qoma dhiibanii dubbachuun kan dandahamu yoo warra furtuu diinagdee biyyaa bifa hedduun of- harkaatti galfatan adda baasanii beekan callaa. Kanaaf futuwwan diinagdee biyyaa yaroo ammaan kanatti Oromo moo warra biraati of-harkaa qaba? Furtuu diinagde dursanii of-harkatti galfachuun hegereef bu'aa maalii qabaa? Warra madda jajjabaa diinagdee ammayyaarraa moggaafamaniiho akkamiin miidhuuf jiraata? Dhihaadhaa!
Barri 2025! Mormitootni mootummaa ብልፅግና aangoorraa buusaan ofiif biyya bulchuuf carraaqan sagantaa diinagde kan ብልፅግናn hordofaa jirtuun adda tahe maal qopheeffatani qabu?ብልፅግና aangoorraa darbanii mootummaa ofii ijaaruuf hagam qophii qabu? Moo akkuma barame gaaffii "bara achi geenye deebisnaa" kijiba dulloomte naanneessaa jiru?Hogguu mootummaan ብልፅግና kuftu warri biyya bulchuuf qophaahe eenyuufaa?Dhihaadhaa!
Ummatni gurraachi bara 2025 yoo waraana wolitti labse, eenyutu dhaqqabaan? Eenutu irraa faaydaa argachuuf jiraata? Oromoon bara kana Woyyaanee fii Shaabiyaaf tumsuun maal bu'aan isaa?
Yesriba Abdulhalim Ahmed Umer seenaa Xariiqaa Tijjaaniyyaa(Ahmadiyyaa) fii seenaa maatii isaanirraa gabaabsaan nuunqooddattiDhihaadhaa
Kurfii lammaffaafi tamaayyii tana gubbaatti, J Ahmed;Muudannoo hidhaa Dargu keessaaTaateewwaan bara Mootummaa CehumsaaTattaaffii ABOn biyyoota ollaafii biyyoota Arabaa keessatti qabsoo bilisummaa finiinsuuf gaggeessaa tureefi seenaa heddu kabiraa ballinaan nuunqooddatu.
Kurfii duraa tana gubbaatti, Jaal Ahmed ijoollummaarraa kaasanii biyya Somaalee, Keniyaa, Suudaan, dirree qabsoo Dhiha Biiftuu Oromiyaa keessatti bobbahuun haga harka diinaarratti kufan jiddu waan keessa qaxxaamurani taateewwaan isaan mudatan mara nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
Kurfii sadaffaafi maayyii kana keessatti Obb. Jawad seenaa qabsoo diddaa naanno Jimmaatti gaggeefamaa turee fii qissaa Jimmaa garagaraa nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
Ob. Jawad bakka kurfii duraa dhaaberraa eegalee , seenaa mootummaa Jimma, bulchiinsa Abbaa Joobiirraa eegalee;Seenaa masjiida Makkaatti ejaarame,Iyyannaa mootummaa Ingiliiziitti ergame,Iyyannaa mootummaa Xiliyaanitti ergame,Bara waraanaa, jiruu bara Xiliyaaniifi qissaa danuu kan biraa nuun qooddataDhihaadhaa !!
Qophii duraa kana keessatti obbo Jawaad qissaa mootoolii Jimmaafi Kan Shanan Gibee waan abaabilee isaanirraa debraa-dabarsaan isaan bira gahee hunda tokko-tokkoon waan yaadatan nuunqooddatu jalqabu.Dhihaadhaa!
Kurfii kana keessatti hamba qabsaawoota, Jaal Raggaatuu Roobaan:Ijollummaa eegaltee qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qooda gumaachaa turte,Shamarraan qabsaawoota ka waliin dirree turaniifi qoodasaani, Jaallan heddu kawaliin qabsaawaa turanii,Deemsa qabsoo keessatti waan isiifi maati mudate keessaa kan yaadattu gaggabaabsaan nuun qooddatti.Dhihaadhaa!
Kabjamoo hordoftoota keeenya, seenaan Jaal Woldeerraa barannuu xumura geesse. Kurfii sagleessoofi ka maayyii kana keessatti, Jaal Woldeen:- Qoqqoodamu ABO keessatti mull'ate ture,- Kora EritIraa keessatti ABOn gaggeeseefi waldhabbii hogganoota jidduutti uumame hiikuuf tattaaffii godhame,- Koloneel Irreessaa Caalaa waliin walargani yaada waljijjiirratan,- Garaagarummaa kaayyoo hogganoota ABO jidduutti mullateefi bifa inni biyya ambaa keessatti calaqisaa tureefi seenaa qabsoo Oromoon gaggeessaa tureefii mudannoo baayyee keessa dabran ballinaan nuunqooddatu.Dhihaadhaa!!
Jaal Woldeen, kurfii sadeettaffaa kana keessatti;- Akkamiin akka biyyarraa gama biyya ambaatti dhiibaman,- biyya ambaa keessatti caasaa ABO ijaaruuf carraaqqi godhaa turan,- Warra adii wajjiin qabsoo Oromoo tinnisuuf tattaaffii godhamaa ture,- Jaal Galaasaa wajjin akkamiin akka hojjataa turan- Haga bara 1998 ABO fi miseensoonni isaa biyya alaa keessatti haala kam fakkaataa keessa akka turaniif taateewwan heddu ballinaan nuunqooddatuDhihaadhaa!
Huubachiisa!Jaal Woldeen hogguu daawwattan doggora lamaan armaan-gad tarreefaman akka qajeelfattan kabajaan isin huubachiisu.1. Daqiiqaa 45:16 irratt kan "Laga Wahiib" jadhan dogoggora. Qajeelaan "Laga Shaayyaa".2. Sa'aa 1:06:36 irraatti kan "magaalaa Gaasaraa" jadhan doggoggora. Qajeelaan " Magaalaa Agaafraa".Fayyaa tahaa!***********************************************Kurfii torbeessoo kana keessatti jaal Woldeen :- Haala miseensoota ABO jala bultii ijaaramuu mootummaa cehumsaa biyya keessa- ijaaramu mootummaa cehumsaafi dhaboota siyaasaa Oromoo- haala ABOn parlaamaa keessatti hojjataa ture- bobbaa gama godina Baalee godhamee fi waan isaan mudateefi taateewwan kabiroo heddu nuun qooddatu.Dhihaadhaa!!
Kurfii 6ffaa kana gubbaatti J Woldeen jaallan magaalaa keessatti hafan- Hogganootni magaalaa gad-dhiisanii hoggu deeman haala ture,- Warra dirree jiru tinnisuuf carraaqqii godhama turan,- Tattaaffii Jaallan magaalaa keessatti hafan of deebisanii gurmeessuuf godhaa turan,- Rakko kamtuu J. Muheen dirreerraa akka Shaggar dhufu sababaa taateef,- Erga DARGUUn hidhaatti isaan guuree booda hariiroo dhaabaa waliin turee- hidhaa bahani haala isaan mudateefii seenaa kan biroo hedduu nuun qooddatuDhihaadhaa!
J. Woldeen Kurfii Shanaffaa kana keessatti;- Yuunivaarsitiitti deebi'anii barnoota isaanii xumuruu,- Qabsoo keessatti dhoksaan qooda ofii gumaachuu,- Hujii mootummaa gazeexaa Bariisaa gulaaluu eegaluufi taateewwan heddu kan gadaa sanii ballinaan nuunqooddatu.Dhihaadhaa!
Jaal Woldeen kurfii afreessoo kana keessatti,- Barnootaaf yuunivaarsitiif Shaggar deemuufi haala 1970ta keessatti mullachaa ture,- Yuunivaarsitii keessatti diddaafi warraaqsa barattootni gaggeessaa turan,- Qabsaawootaafi hogganoota ABO waliin quunnamtii eegaluu,- Jaal Magarsaa waliin obbolummaafi jaallummaan waan waliin hojjachaa turan,- Idigaat Bahibraat Zamachaaf naannoo Wallootti bobbahuu,- Dirqama ABO fudhachuun godina Baalee, Shaggarfi Harar bobbahuun dirqama gara-garaa raawwataa turaniifi seenaa dheertu kan biroo ka bara 1970ta nuunqooddatu.Dhihadhaa!
Kurfii Sadaffaa kana keessatti Jaal W. Hurrisoon :- waggaa 65 dura ganda guddatan keessatti manni barnoota sadarkaa dura akkam ture? Barsiisaan beekumsa hagami qabaataa ture?- Gadaa san barattoota sadarkaa 1ffaa jiraniif carraan hojii waan akkam jiraafaa ture?- Haala Leenjiin Bariistoota Dabra Biraanitti gaggeefamaa ture,- mana barnootaa sadarkaa duraarraa eegalee, leenjii barsiisummaaf sanduubatti hujiitti ramadamanii aman dheera kana keessatti waan argan, muudannoo fii seenaa bara durii ball'inaan nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
Kutaa lammaffaa kana keessatti Jaal Woldeen - uumama ijoollummaa isaaniitti argaa guddatan;- Ummatni akkamiin guyyaa bakka bakkatti qoodee gurmeeffataa ture;- Warri Tuulama akkamiin jireenya isaanii gaggeefataa turanii ?- Warri Tuulama ijoollee akkamiin manatti waan gara-garaa barsiisaa turan?- Warri ofii lafa hinqabne, warra Abbaalaafaaf maalfaa akka dalagaafii turan;- Warri Tuulama aadaasaanii dhalootaaf carraaqqii akkam jiraa gaggeessaa turan? Seenaa kanaafi kabiraa hedduu ball'inaan nuun qooddatu.Dhihaadhaa!
bira faradoo keechaa: Boora,Bulloo, odolcha, gurraacha Abbaa Boora farda sangaa ka akka jabaa gulufu Maxaanaan isa J.Abdiisaan mgaajaa jedhu gugsii ykn garmaama Worri Gullallee yaabbii fardaatiin jajjbo'o worri Arsi'i illee homaa hin jedhan hhhh
Aadaan Oromoo akkuma tokko jira. wolitti dhufeenna dhiiraa fi durbaa ka fedhiin wolfuydhan hawwii jedhaman male Butta'a hin ta'u. Buttaan yoo fedhii intalaa malee humnaan butan😙 Hhh👌
shanaan gibee
hubannoo garii nuu,'ummaa jirtuu galatoma
Shanan gibee ka jedhaman maal isaan? Gosa mo'o ummata adda addaa naannawa laga Giver qubatan?
General Abdisa warraa yeroo offii gaafii kana kennee galata qabdu .
Nasiir kaliil! walahi Rabbiif jechan si jaaladha!
Hedduu namatti toltuu nuuf jaabaadhaa!
Abbo naasir dravo
galatoma hayyoota kenya
Waan dansaadha. Jabaadhaa jajjabaadhaa. Afaan keenya Afaan Saayinsii fi Teeknooloojii godhuu fi waaltessuuf barbaachisaadha. Vulnerability= Saaxilamummaa Threat= Sodaa Asset= Qabeenya Risky= Gaaga’ama
machiiniin emoshiin hin qabuu jedhe . anii gaafiin qabuu akka emotion qabatuu barsiisuun hin danda'amuu ?
qaroomiin kee hundee guddinaa ummataa kenyatti
jajjabe qaroo akka Fish kana nuu dhiyeesuu keetii galatomii Dr. kenyaa nuu jiradhuu jennaan.
Waan bayeessatti jirtaanii jabaadhaa jajjabaadha.
Dr. Fatansa dhiyeessuu keetii galatoom. goota.
Waan heddu irraa barachaa jirra galatoomaa Doctor
Waan hedduun barachaa jira. Kun xumureellee qophiin seenaa qabsoo bilisummaaf siyaasaa saboota garagaraa dhiyeessuun jalqabe itti haa fufun jedha! Ulfaadhaa!
Barsiisaa keenyaa jabaadhaa!
Haasofni faranjicha Irland wajji gootee taarika kalaqa gosa worraatii fi wolmaka tahuu dhala namaa agarsiisa. Garuu Kama duree ija banatetu isa hafe fe'ata. Btw purity in race is complex hhh Oromo, amaara,.. qulqulluu is comming to mind. Lakki ilma Ormaa qottee qottee kukkuun albee(haaduu) itti maal godhan baafte hhh. Ka itti aanus hin caqsana kaa!