DiscoverRSSMix.com Mix ID 3879968
RSSMix.com Mix ID 3879968
Claim Ownership

RSSMix.com Mix ID 3879968

Author:

Subscribed: 0Played: 2
Share

Description

This feed was created by mixing existing feeds from various sources.
687 Episodes
Reverse
Torban kana mana maree mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaan murtii raggaasifamee Itiyoophiyaan kan hin fudhanne ta’u fi kunis kaayyoo siyaasaa fixaan baasuuf kan qophaa’ee jechuun waajiira Mummicha ministeeraatti itti gaafatamtuun kutaa preesii Bileenee Siyuum ibsanii jiru.  Dhiittaa mirga namoomaa dhaqqaban ammaan dura qorachuuf yaalii ta’e akkasumas isa manni maree mirga namoomaa kan Tokkummaan Mootummootaa fi komishinni mirga dhala namaa kan Itiyoophiyaa waliin gaggeessuun...
Kampaniin dawaa oomishu kan Briteen fi Swidiiin Astra Zenekaa fi Yuniversitiin Oksford talaallii haaraa doosii lamaa fudhatamu kan COVID-19 kan addatti vaayiresii Omikroon ittisu oomishaa jiraachuu beeksisan. Talaalliin kun talaallii vaayiresii biraa ittisuu danda’u irratti kan hundaa’e ta’uu isaa fi DNA seenee nama dhukkubsuu akka hin dandeenyetti jijjiirame kan oomishamu jedhameera. Garee qorannaa Oxford kan hoogganan Sandy Douglas, gaazixaa Financial Times jedhuuf akka ibsanitti,...
Hayyoonni saayinisii Afriikaa fi kanneen fayyummaa namaaf falman, ibsa waaltaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa Yunaayiti Isteetes talaallii COVID-19 KAN Johanson & Johanson jedhu ilaalchisee kennetti gadduu isaanii beeksisan.  CDCn torban darbe, talaallii J&J dura Moderna fi Pfizer akka fudhataman yaada dhiyeessee ture, sababiin isaas talaalliin J&J, darbee darbee dhiiga ittichuu dhaqqabsiisuu waan danda’uuf jedhee jira. Tlaalliin J&J Afriikaa keessatti bal’inaan kan...
Ka guyyaatti walakkaa sa’aatiif tamsaasamu Sagaleen Ameerikaa – Sagantaan Afaan Oromoo odduu, gaaffii fi deebiilee, akkasumas qophiiwwan dhimmoota aadaa, fayyaa, dargaggoota, siyaasa, qonnaa, misooma fi ispoortii ilaallatan qabatee Wixataa hanga Jimaataattigalgala sa’aa 8:30 irraa jalqabee dhaggeeffatoota isaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa keessaa jiran bira gaha.
Koreen paarlaamaa Liibiyaa jimaata dhuftu filannoo prezidaantummaa geggeessuun akka hin danda’amne har’a beeksisee jira. Dura taa’aan koree sanaa gamaaggama isaanii xalayaa barreessaniin hoogganaa paarlaamaaf kan dhiyeessan, gabaasaalee, teekinikaa, haqaa fi dhimmootii nageenyaa irratti erga mari’atanii booda. Dura ta’aan kun filannoon guyyaa itti geggeessamu haaraa hin ibsine.  Komiishinni filannoo Liibiyaa yeroo xiqoo booda filannoon sun hanga Amajjii 24tti akka dheeratu yaada...
Gaanfa Afriikaatti jila addaa kan ta’an Jeffery Feltman dhiyeenya gara naannoo sanatti imalanii jiran. Ministriin dhimma alaa kana ilaalchisuun gaaffii tuuta oduu biraa dhiyaateef deebii kennee jira.  Haalli  naannoo sana jijjiirama argamsiiseera yoo ta’e, gama jaarsummaan Washington haala akkamii irra akka jiru gaaffiin dhiyaateefii jira. Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Price deebii kennaniin nuti akka milkkaa’u kan barbaannu lolli hatattamaan akka dhaabatu, dhiittaan mirga namaa...
Naannolee lolli keessatti kaka’e kan akka naannolee Amaara fi Affaar keessa kan jiru haalli nageenyaa fooya’ina hanga tokko argamsiisuus, haalli Itiyoophiyaa gama kaabaa akkaan kan jijijjiiramuu fi tilmaamuun kan hin danda’amne ta’uu waahiloonni keenya gargaarsa namoomaa nutti himaniiru jechuu dhaan itti aanaa dubbi hiamaan tokkummaa mootummootaa Farhaan Haaq gaazixeessotaaf ibsaniiru. Naannoo Amaaraa keessaa kanneen qe’ee ofii irraa buqqa’an hangi tokko gara naannoo isaaniitti...
Libyan Committee Says Impossible to Hold Election Friday
One dead, 70 missing after landslide at Myanmar jade mine
US: Talks with Russia Could Occur in January
Ka guyyaatti walakkaa sa’aatiif tamsaasamu Sagaleen Ameerikaa – Sagantaan Afaan Oromoo odduu, gaaffii fi deebiilee, akkasumas qophiiwwan dhimmoota aadaa, fayyaa, dargaggoota, siyaasa, qonnaa, misooma fi ispoortii ilaallatan qabatee Wixataa hanga Jimaataattigalgala sa’aa 8:30 irraa jalqabee dhaggeeffatoota isaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa keessaa jiran bira gaha.
Magaalaa Naqamtee keessa dargaggoota jiraataniifi, sochii Siyaasaa keessatti hirmaataa turan afur, humnoota naga-eegumsaa mootummaan ajjeesamani jechuun, Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu ibsa baasee jira. Hoogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Haayiluu Addunyaa gama isaaniin, “Dargaggootni ajjeesaman jedhaman, meeshaa waraanaa hidhachuun hanga’oota mootummaa ajjeesuurra darbee, gaafa sanas, qaamolee naga-eegumsa...
Dhimma mirga namoomaa  Itiyoophiyaa ilaalchisee torban darbe biyyotan wal gahii tasisanii qaama dhimmichaa qoratu hundeesuuf murteesaniiru. Itiyoophiyaan gama isheetiin murticha hin fudhadhuu jetteetti. Maanii wantii itti aanu? Seerrii adduunyaa Itiyoophiyaa dirqisiisu jiraa? Gaafii fi deebii Gabaasan VOA Habtaamu Suyyum Doktoor Adam Kaasee waliin taasise dhimma kana irratti Xiyyeefata. Gaafiwan ijoo ta’an fudhachuudhaan qophiin itti aanu qinda’eera.
Barnoota Herregaa barsiisuu keessatti waggoota 37 xumuranii 38ffaa keessa akka jiran kan dubbatan Barsiisaa Abeel Bulchaa Godiina Iluu Abba Borii fi Wallaggaa bahaa keessa barsisaa akka turan dubbatu.  Hojiin barsiisuu dhimma barsiisaaf dhiifamuu qofa otoo hin taanee kan maatii fi hawaasaan deggeramuu qabu jedhan.ttonni isaanii kan bara dheeraa yeroo ammaa ooguuma sadarkaa olaanaa irratti bobba’anii arguu caalaa kan na gammachiisu hin jiru jedhan.  Barattonni isaaniis barnoota argatanii...
Kan haaraa gabaasame lakkoobsi namoota vaayiresii koronaan qabamanii kan ji’a lama darbe irraa dacha dabaluu, kanneen keessaa immoo kan akkaan daddarbu vaayiresiin Omikroon jedhamu Yunaayitid Isteetis keessaa namoota koronaan qabaman harka afur keessaa sadii qabuu ilaalchisee,  barbaachisummaa talaallii COVID-19 fi weerara kanatti duuluuf mootummaan isaanii tarkaanfii haaraa inni fudhataa jiru prezidaan Joo Baayiden har’a ibsuuf jiru jedhamee eegama. Haasaa isaanii kana dura White House...
Qabsa’aan lammii Masrii fi warraaqsa Arabaa kan bara 2011 keessatti beekamaa ta’e oduu kijibaa facaase jedhamuun kaleessa mana hidhaatti deebisamuu abukaatoon isaanii dubbataniiru.  Alaa Abdel-Fattah bara 2014 hiriira mormii hin eeyamamne irratti hirmaataniiru akkasumas angawaa poolisii irratti haleellaa raawwatan jedhamuu dhaan erga itti murtaa’ee booda bara 2019 gad dhiisaman. Erga gad dhiisamanii guyyootia gabaabaa booda garuu, oduu kijibaa facaasan, caasaalee hawaasaa akka malee...
Humnoonni TPLF ennaa magaalaa Dasee to’atanii turanitti badii guddaa kan irraan ga’an ta’uun isaa kan himame hospitaalli Ispeshaalaayized Dasee, tajaajila fayyaa salphaa ta’ kennuu eegalee jira.  Hospitaalli erga hundaa’ee waggaa 80 ta’uun isaa himamu kun manca’uu guddaa irra ga’een meeshaa wal’aansa fayyaa homaa kan hin qabaanne ta’uu kan ibsan hoji geggeessaan hospitaalchiaa Dr. Hayimaanooti Ayyelee, muuxannoo ogeessota fayyaa fi hospitaala Qiddus Paawloos waliin ta’uu dhaan wal’aansa...
Fauci: U.S. considers easing travel restrictions to southern African countries
loading
Comments